(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 20,2009) MOA akka ifa godhanitti Godina Harargee Lixaatti Onoota adda addaa keessatti beellii fi abaar ummata heddumminaan gaaga’aa jiraachuu hubachiisan.
Keessumaa haalli beelaa kun Onoota Mi’eessoo fi Doobbaa keessatti haalaan hammaatee ummata fixaa jira. Ummatni Onoota kana keessatti argaman qaama mootummaa tokko illee isaan gargaaru dhabanii beelanii dhumachaa jiraachuu maddeen keenya ibsaniiru.
Ona Mi’eessoo keessaa
- 1. Aadde Faaxumaa Unjaa
- 2. Aadde Radiyaa Anjaboo
- 3. Aadde Muntahaa Amad
- 4. Obbo Daawud Hassanoo fi
kanneen maqaan isaanii hin baramin baay’een sababa beelaa fi abaariin du’uu isaanii maddeen keenya mirkaneessaniiru.
Ummatni araddoota 49 Ona Mi’eessoo keessatti argaman keessa jiraatu guutummaatti beelaan gidirfamaa jiraachuu maddeen keenya ibsaniiru. Beela kana jala baqaa fi lubbuu isaanii oolfachuuf namootni baay’een magaalaa Cirootti baqachaa jiraachuun illee beekameera.
*********
Godina Shawaa Lixaa mana hidhaa magaalaa Amboo keessatti hanqina midhaan nyaataa fi qulqullinaa irraa hidhamtoonni hubamaa akka jiran dhagahame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 20,2009) Akka gabaasaa maddeen keenyatti mana hidhaa Karshallee magalaa Amboo keessatti hanqinaa fi qulqullina dhabuu midhaan nyaataan hidhamtootni dhukkubsatanii dhumataa jiru.
Haaluma kanaan hidhamtootni hedduun dhukkubsatan wal’aansa dhabanii miidhamaa jiru.
Gama birootin wayyaanotni filmaata dhufu irratti na gufachiisu ykn na mormu shakkii jedhu qofaan namoota nagaa baay’inaan qabanii hidhaatti guuraa akka jiran gabaafameera.
Godina Shawaa Bahaa magaalaa Bushooftuu keessatti ammoo dargaggoonni Oromoo magaalaa Bushooftuu heddumminaan bakka Irreechatti walitti dhufanii haala QBO irratti mari’ataniiru. Waytuma kana sirboottan qabsoo fi aadaa sirbaa dhaadannoolee wayyaanee abaaranii fi balaaleffatan dhageessisuu isaanii maddeen keenya ifa godhaniiru.
MOA